XIINXALA HAALA ITTI FAYYADAMA AFAANII BARUMSA AFAAN OROMOO DHAABBILEE BARNOOTA OL'AANOO KEESSATTI

Read full text
Authors: Ashennaafii Tarrafaatiin
Cited by: 0

Abstract

Gorsitoota: Dursaa- Wondimmuu Taganyee (PhD, Itti aanaa Piroofeesaraa) Aantee-Alamuu Waaqgaarii (PhD, Gargaaraa Piroofeesaraa) Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, haala itti fayyadama Afaan Oromoo xiinxaluun, adeemsa itti fayyadamaa keessatti rakkoolee mudatan adda baasuun yaada furmaataa eeruudha Kaayyoo gooroo kanas galma ga’uuf, saxaxa qorannoo ibsaafi dhiyaannaa makaa fayyadameera.Qorannoon kun,dhaabilee barnoota ol’aanaa Afaan Oromoo digrii tokkoffaa kennanirratti kan xiyyeeffatedha;yunivarsitiiwwan akka iddattootti filatamani: Jimma,Bulee Horaa,Arsiifi Ambo dha.Maddeen odeeffannoo qorannoo kanaa,barattootaafi barsiisota Afaan Oromoo akkasumas yaadannoowwaniifi mojuulota barnootaaf qophaa’an yeroo ta’an, hundi isaanii mala akkayyoon kan filatamani dha.Haluma kanaan, barattootni 20 akkasumas barsiisotni 16 af-gaaffiif akka iddattootti filataman irraawwatama qorannichaati. Gama kaaniin, jechootni qabiyyee yaadannoo keessaa kaayyoon iddatteeffaman 120 yeroo ta’an, jechootni mojuuliiwwan akka iddattootti filataman sadan keessaa haalarratti hundaa’anii kan fudhatamandha.Walumaa galatti, qorannoon kun ragaalee hammamtaa adeemsa qaacceessa dokimantii keessa guuramaniifi ragaalee akkamtaa adeemsa af-gaaffii barattootaafi barsiisotaa keessa guuraman walitti fiduun kan xiinxalamedha.Argannoowwan qorannichaas, itti fayyadamni afaanii barsiisotaa irri caalaan, sirnawaafi waalta’aa/idilawaa kan hintaane akkasumas haalleen qabatamoo afaanii tokko tokko xiyyeeffannoo keessa kan hingalchine ta’uu mul’isa;akka feetummaafi hanqinni muuxannoo itti fayyadama loogaa, jijjiirraa koodii/walmakiinsa afaanii akkasumas jechoota ogummawaa argannoowwan qorannichaa keessaa kanneen bu’uuraati; akka waliigalaattis, raawwiin itti fayyadama afaanii barsiisotaa tokkummaa kan hinqabe ta’uutu hubatame.Haalleen itti fayyadamaa akkasii ammoo, qaawwa gama walquunnamtiin uumamu akkasumas mudaalee milkaa’inaa afaan dhalootaan barachuutiif Sababa ta’aniiruKanarraa ka’uunis, rakkooleen muuxannoo, gahumsa, malleen barnootaa, sirna barnootaa akkasumas imaammataan walqabatan kanneen bu’uuraati. Kanaafuu akka furmaataatti, barsiisota gahoomsuurratti hojjachuu, dokimantiiwwan barnootaaf oolan tokkoomsuu/waalteessuu, imaammata itti fayyadama afaanii fooyyeessuu, sagantaa/leenjii walitti fufaa itti fayyadama afaaniirratti hubannoo kennu qopheessuu akkasumas akkaadaamiifi dhaaba qorannoo afaanii hundeessuun, qaama keessumattuu, afaan waalteessuu,galmee jechootaa qopheessuufi rakkoolee itti fayyadama afaanii.kaawwaniin walqabatanii mul’atan furuurratti hojjatan gurmeessuun, humna egereefi guddina Afaan Oromootiif wabii ta’u ijaaruudha.

Fields of Study & Subjects

Linguistic and Sociocultural Studies Linguistics and Language Studies Language and Culture

Publication details

Publication date
10 February 2026
Language
FI
Document type
Thesis